Seenaa Gabaabaa Araarsoo Wadaay

Jiilchaa Haamidiin

Qabsaawoota seena qabeeysa hoggaa lakkooynu, maqaa isaa kheeysaa hambisuun hin tahu. Dhaloonni isaa ganda Qeeyransaa, Aanaa Haromaaya, Godina Harargee Bahaati. Maqaan dhaloota isaa Umari, ammoo maqaan inni ummata isaa biratti ittiin beekkame 'Araarsoo Wadaay'. Araarso Wadaay jechuun nama umrii dargaggummaatiin qabsoo bilisummaa Oromoo itti ida'amee, jiruu fi jireenyaa isaa guutuu itti wareege jechuu dha.

Qabsoo kheeysatti hujii adda addaa osuma hojjachaa jiruu, waraana Dargii dhaan qabamee bara 7 hidhame. Manni hidhaa saniis kaayyoo isaatirraa if booda hin deebifne. Akkuma hidhaarraa bahetti ammaas lammadaa qabsootti ida'ame. Jijjiiramni bara 1991 khufiinsa Dargii booda hoggaa dhufe, Harargee bahaatti Araarso Wadaay ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo ture. Yeroo san kheeysatti waraanni Oromoo humna guddaa horatee bakkoota adda addaatti waraana Ihadigiin wal dura dhaabbachaa turan.


Kharoorri Ihadig waraana Oromoo dachiilee strategy qabachuu dhoorkuu waan tureef, lolli guddaan naannaawa san ture, highway Adaree fi Finfinnee idduu deemu irratti lolamaa ture. Ihaadig yeroo humnaan sossoohuu dadhaban, tooftaa jijjiiranii gara diplomaasiin ykn gara mariitiin waraana Oromoo ukkaamsuu irratti xiyeeffatan. Yeroo san kheeysatti Araarsoo fi jaallan isaanii Aanaalee magaalaa Adareetti dhihaatu kheeysa ummata kakaasaa turan. Adaree irraa gara kaabaatti kan argamtu Aanaa Kombolchaa ti. Aanaan Kombolchaa bulchiinsa ABO jala waan tureef, Ihaadig magaalaa Adaree irraa humna guddaa gara kaabaatti bobbaasaa turan. Weerara kana ifirraa ittisuuf waraanni Oromoo fi hawaasni Oromoo wal cinaa dhaabbatanii humna roorroo alagaa kan taankii, madaafaa fi meeshaalee adda adda hidhatee itti dhufe halkanii guyyaa lola hadhaawaa irratti gaggeeysaa turan. Waraanni Ihadig dhawamee Adareetti dacha'uu dirqame. Waraanni Oromoo jalaa hafuu didee, Dirree Xayyaaraa irraa osuma dhiiban magaalaa Adareetti dhufan. Magaalaa kana itti marsanii qabachuudhaaf isaanii qophiirra jiruu, Ihadig hoogganoota ABO kan Finfinnee jiru walgahii hatattamaaf yaamuu mudatan. Marii godhame sanirratti akka waraanni Oromo chaartara khabajanii Highway irraa fagaatanii Aanaa Kombolchaatti if booda deebi'an ajajni kennameef. Murtiin kun ifi murtiileen hoogganoonni ABO dabarsaa turan, kheeysattuu ajajni maayyiirratti kenname (waraana Oromoo mooratti galchuu) Araarsoo fi jaallan isaanii heddu dhiiga danfise. Ammaas, akka himamutti wal diddaa obboleyyan lamaan (ABO fi AIBO) kan Godina Harargee Bahaatti lubbuu heddu galaafate, furmaata akka argatu hawwii qabaachuu ture.

Araarsoo Wadaay balaa isaa fi jaallan isaanii irratti gaggeeyfame lubbuu isaatiin jalaa baafachuudhaan hoggaa biyya ollaa seene, haalli ummanni isaa kheeysa jiru isaaf liqimfamuu dide. Ammaas biyyatti deebi'ee humna haaraya, kan ummanni Oromoo abdachuu dandayu, hoogganaa haaraya jalatti jaaruu murteeyse. Isaa bobbaarra jiruu, magaalaa Malkaa Jabduutti (bulchiinsa Dirree Dhawaa) wareegame.

Comments

Popular posts from this blog

An Afternoon with Nadhi Gamada and Abba Yusuf, Mogadishu (1985)

Reshape the Culture: Oromummaa & Ideology

The Revisionary Emir of Harar: Muhammad Ali Mayu (1856-1875)